Addunyaa har'aa saffisaan guddachaa jiru kana keessatti, daldaltoonni toora interneetii irratti hin argamne, salphaatti, duubatti hafaa jiru. Dhaabbilee fi namoota daldalaa biyya keenyaaf immoo gabaa dijitaalaa tarsiimoo hojii isaanii keessatti hammachuun filannoo qofa miti; dirqamaa fi tarsiisoo lubbuun jiraachuu isaaniiti.
Waggootaaf maloonni beeksisa gabaa aadaa kan akka bilboordii, gaazexaa, raadiyoo, fi televijiinii maamiltoota gabaa Itoophiyaa bira ga’uuf itti fayyadamaamaa tureera. Ta'us tooftaalee kunneen hanqinoota gurguddoo heddu qabu, maloota beeksisa ammayyaa wajjiin walitti qabnee yoo ilaalle:
Haalli guddina dijitaalaa Itoophiyaa keessa yeroo ammaa jiru saffisa kanaan dura hin argamneen guddachaa jira. Guraandhala bara 2025tti fayyadamtoonni interneetii miiliyoona 28.6 kan turan yoo ta’u, kunis baayina ummata Itiyoophiyaa waliigalaa keessaa %21.3 ta'a. Lakkoofsi kun haala wal irraa hin cinneen dabalaa kan jiru yoo ta’u, Guraandhala 2024 hanga Guraandhala 2025 gidduutti fayyadamtoonni interneetii haaraa miiliyoona 1.2 ta’an itti makamaniiru. Kana malees, baatii Guraandhalaa bara 2025 keessa lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 8.3 ta’an miidiyaa hawaasaa kan fayyadaman yoo ta’u, miidiyaalee hawaasaa akka Feesbuukii irratti bal'inaan argamu. Daldalli elektirooniksiis dabalaa kan jiru yoo ta’u, gabaan daldala elektirooniksii Itoophiyaa bara 2024tti tilmaamaan doolaara Ameerikaa miiliyoona 59 kan argamsiise yoo ta’u, bara 2024-2025tti guddinni %20-25 akka dabalu tilmaamameera.
Istaatistiksii kun kan mul'isu, kana booda guddina Itiyoophiyaaf gabaan dijitaalaa barbaachisaa fi dirqama akka ta'eedha. Sababoonni ijoon gabaan dijitaalaa ta'eef keessaa muraasni fi ijoon kanneen armaan gadiiti:
Dhaabbilee biyya keessaa muraasa:
Also Read
Warraaqsa ogummaa dijitaalaa: Milkaa’ina dhuunfaa irraa kaasee hanga guddina biyyaattiWarraaqsa ogummaa dijitaalaa: Milkaa’ina dhuunfaa irraa kaasee hanga guddina biyyaatti
Dhaabbilee biyyoota biroo keessaa karaa gabaa dijitaalaan milkaa'ina jabaa argamsiisan muraasa akka armaan gadiitti haa ilaallu.
Gabateen armaan gadii hubannoon dijitaalaa biyya keenyaa fi keeniyaa kan wal madaalchisuudha. Daataan immoo kan bara 2023 ti.
| Safartuu | Ethiopia | Kenya | G/G Adunyaa. |
|---|---|---|---|
| Babalina intarneetaa | 16.7% | 42% | 67% |
| Itti fayyadama miidiyaa hawaasaa | 5.1% | 18% | 59% |
| Daddabarsa maallaqa moobaayilaa | 41M (Telebirr) | 90% | 77% (Africa) |
| Galii daldala intarneetaa | $0.8B (Tilmaama) | $4.5B | $3.5T |
Imalli gara gabaa dijitaalaa sodaachisaa fakkaachuu danda'a, garuu baayee salphaa fi namni kamuu jalqabuu kan danda'uudha. Akkaataa itti jalqabnu kunooti:
Imalli gara gabaa dijitaalaa namoota haaraa fi reef jalqabaa jiraniif ulfaachuu danda'a taha. Sababa kanaaf nuti, , furmaata dijitaalaa bal'aa gabaa biyya keenyaa keessatti mijataa ni dhiheessina, kanneen keessaa:
Lakk bilbilaa: 0964-1217-60 email: info@alifxperience.com
Yeroo ammaatti dhaabbata daldalaas tahee nama dhuunfaaf, teessoo fi imala gabaa dijitalaa keessatti dabalamuun, filannoo osoo hin taane dirqama. Atis ammuma jalqabuu akka qabduudha.
No comments yet. Be the first!