Technology

VIVO V50: Bilbila Suuraaf uumame

VIVO V50: Bilbila Suuraaf uumame

Admin User

Author

July 19, 2025
2 min read
Share
Loading sponsor...
Loading sponsor...

Vivo V50 bilbila ismaartii sadarkaa giddu galeessaa ta'ee, suuraa qulqullinaan kaasuu fi baatirii umrii dheeraa qabaachuun beekkama. Dizaayiniin isaa midhaagaa kan ta'e, agarsiisa/display/ AMOLED kan qabuu, fi jireenya baatirii guddaa 6000mAh ta'e qaba. Akkasumas chaarjarii saffisaa 90W qaba. Namoota yeroo gabaabaa keessatti moobaayila charjeffatnii yeroo dheeraa fayyadamaniif filannoo jalqabaati. Sirni kaameraa moobaayila kanaa dhaabbata Zeiss-engineering dhaan kan hojjatame yoo tahu, suuraawwan ajaa'ibsiisoo ta'an, ifa guddaa fi xiqqoo keessatti dorgomaa hin qabu. Moobaayili kun, chipset isaa Snapdragon 7 Gen 3, kan qabu ta’u, wantoota haala gahuumsa olaanan hojjachuu danda'a.

Amaloota fi gahuumsa isaa

1. Dizaayinii fi Agarsiisa/display/

Agarsiisni/Display/ moobaayila kanaa AMOLED yoo ta'u, bal'ina inchii 6.77 qaba. Kana malees resolution 1080p fi refresh rate 120Hz qaba. Halluuwwan adda baasuu fi wantoota haala barbaadaniin moobaayila keessa sochoosuuf ni dandeesisa. Qaamni moobaayila ijaarsa sirrii kan qabu yoo tahu, duubni isaa pilaastika irraa kan hojjatameedha, akkasumas dizaayinii ammayyaawaa fi ergonimic ta'eedha.

2. Kaameraa

Loading sponsor...

Moobaayili kun kaameraa sadi kan qabu yoo tahu, kaameraan jalqabaa leensii 50MP tahe qaba, Suuraalee bal'aa fi qulqulina olaanaan kaasuuf tajaajila. Inni lammaan immoo Ultra-wide lense yoo tahu 50MP ta'eeti, suuraaleewwan akka gaaraaa ykn babal'oo tahan salphatti kaasuuf tajaajila. Teeknoolojiin kaameraa moobaayilaa kana keessatti fayyadamame, dhaabbata Zeiss dhaan kan hojjatame yoo tahu, halluu, ifa fi wantoota qulqulina suuraaf tajaajilan hedduuf baayee filatamaadha.

Also Read

Artificial Intelligence (AI) har'a addunyaa jijjiiraa jira. Biyya keenyatti hoo?

Artificial Intelligence (AI) har'a addunyaa jijjiiraa jira. Biyya keenyatti hoo?

3. Baatirii

Loading sponsor...

Moobaayiloota yeroo ammaatti jireenya baatirii olaanaa qabaachuun maqaan dhahan keessaa moobaayilli kun sadarkaa jalqabaa irratti argama. Baatiriin isaa 6000mAh, yoo tahu, chaarjarii saffisaa hamma 90W tahes qaba. kana jechuun daqiiqaa 40tti, baatirii kee chaarjii guutuu siif taha jechuudha.

4. Gahuumsa

Sammuun moobaayila kanaa Snapdragon 7 Gen 3 yoo ta'u, hojii guyyaa guyyaa, miidiyaa hawaasaa, fi gulaallii viidiyoo hamma 4K haala gaariin ni raawwata.

5. Sooftiwaree

Loading sponsor...

Sooftiweeriin moobaayila kanaa Funtouch OS kan jedhamu yemmuu tahu, Android irratti bu'uureeti kan hojjatu. Saffisaa moobaayilaa dabaluu fi haala dhuunfaa keenyaan ykn haala barbaannetti geggeedaruun itti fayyadamuu ni dandeenya.

Xumura irratti

Vivo V50 bilbila sadarkaa giddu galeessaa ajaa'ibaa kan amaloota fi wantoota moobaayiloota sadarkaa olaanaa qaban irraa argannu salphatti argannuudha-agarsiisa/display guddaa, ga'umsa cimaa, fi kaameraa gaarii qabudha. Biyya keenya keessatti moobayilli akkanaa argamuu dhabuun isaa nama qaanessa.

Loading sponsor...

Comments (0)

No comments yet. Be the first!

Leave a Comment

More from this category

Loading sponsor...